ONM-ABO Sadaasa 13, 2024
Lola impaayerattii keessatti geggeeffamaa jiruun kufaatii dinagdee hamaatti kufee kan jiru murni Bilxiginnaa maqaa garaa garaa hawaasatti dha’uun maallaqa humnaa olii uummata irraa funaanuun kufaatii isaa irraa of baraaruuf qe’ee namoota baay’ee diigaa jira.
Gocha kanas magaalaa fi baadiyyaa osoo hin jenne ergamtoota isaa bobbaasee raawwachaa jira.
Godinaalee Oromiyaa mara keessatti, mana jiraattotaa irra deemuun misooma magaalaa jechuudhaan uummata dararaa kan jiran yoo ta’u, jiraataan tokko dallaa isaa keessa biqiltuu kanneen akka Avuukaadoo, Paappayyaa, Muuzii, Maangoo fi kkf bareedina mooraa isaatiif kan dhaabbatee qabu, lakkaa’uudhaan gibira akka itti fuudhaa jiranii fi kanneen dallaa isaanii keessaa hin qabne immoo dirqiidhaan akka dhaaban gochuun maallaqa itti kaffalchiisaa jiraachuu dubbatu.
Akka maddeen keenya Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himanitti,” impaayeerri Itiyoophiyaa akka isheef malutti malee uummata giddu-galeeffachaa kan hin jirree fi gochoonni maqaa gibiraan biqilaa gadi dhaabbataatti lakkaa’anii maallaqa saamaa jiran keessattuu yeroo amma kana magaalaa Jimmaa fi Amboo keessatti baay’inaan raawwachaa jira.
Godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessattii kaaree meetirii 1000’tti qarshii 35,000 fuuchaa jiraachuu gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

