ONM-ABO Sadaasa 21, 2024
Murni abbaa irree Bilxiginnaan bu’aa warraaqsa qeerroo fi qarree Oromoo argame butuun gara aangootti dhufee goleewwan Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa bobbaasuun namoota nagaa hedduu humna misoomaa ta’uun ofii fi biyya isaanii jijjiiruu danda’an sobaan yakkee maqaa adda addaa itti maxxansuun jumlaan hidhaatti guuruun waggoota dheeraaf dararaa jira.
Namoota hedduu waajjira poolisii aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee keessatti waggaa lamaa oliif hidhamuun dararaa ulfaataan irra gahaa jiru keessaa muraasa maqaa isaanii arganne:
- Obbo Ittaanaa Tasfaa nama umurii 46,
- Obbo Girmaa Dhiinsaa maanguddoo ganna 53,
- Obbo Faqqadaa Baqqalaa maanguddoo ganna 60,
- Daa’ima ol adeemaa umuriin isaa 12 ta’e kan maqaan isaa adda hin baanee fi kanneen biroon lakkoofsaan hedduu ta’an gaaffii seeraa tokko malee hiraarfamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba kan ta’anii fi maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi ilmaan keessantu bosona jira jedhuun hidhamanii dararamaa jiraachuunis itti dabaluun ibsameera.
Aanaa Sayyoo ganda Ifa Galaanoo bakka addaa Waaccuu jedhamu keessaa Sadaasa 17, 2024 waraanni sirna dhableessi impaayerattii badii tokko malee nama maqaan isaa Obbo Yooseef Mul’ataa jedhamu haadha warraa isaa waliin qe’ee fi qabeenya isaanii irraa ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa Sayyootti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, maatiin kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa ilma keessantu bosona jira jedhuun Obbo Yoseefiin yeroo adda addaatti hidhanii dararaa turuu itti dabaluun dubbataniiru.

