Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti uummanni guyyaa irraa gara guyyaatti mana hidhaatti guuramuun jabaate jedhu jiraattonni

ONM-ABO Sadaasa 23, 2024 

Mootummaa tokko jalqaba mootummaa kan isa jechisiisu daangaa biyyaa fi nagaa lammiilee eeguun diina alaa fi keessaan uummaticha weeraru kamuu balaa irraa ittisuu yoo ta’u, garuu kan impaayera Itiyoophiyaa faallaa kanaa nageenya hawaasaa loltoota isaan booressaa boodarra ammoo maqaa seera cabsitan jedhuun namoota nagaa mana  hidhaatti guuruu yoo ta’u, gocha badii isaa kana yeroo ammaa Oromiyaa keessatti jabeessee jira.

Qaama finxaaleessaa Amaaraa hidhatee uummata lubbuu fi qabeenyaa jalaa mancaasaa jiruuf gaddisa ta’uun gareen wal gurmeessee aangoo siyaasa impaayerattii qabatee jiru Bilxiginnaan uummata ofiifuu waa’ee siyaasaa quba hin qabne maqaa dharaan yakkee mana adabaatti guuruu aadaa godhachuun itti fufee jira.

Aanaa Martii ganda Moolamee Arjoo jedhamu keessatti Sadaasa 22, 2024 hawaasa oomisha isaa galfachaa jiru rasaasa itti roobsuun ooyiruu isaanii keessaa baqachiisuun kanneen qabatan ammoo mana hidhaatti guuruu dubbatu. 

  1. Huseen Tunnaa,
  2. Qadoo Tamii,
  3. Abdallaa Burqaa, 
  4. Reduwaan Jamaal fi 
  5. Harmee Jamaal reebicha hamaa irratti raawwatamuun  namoota hidhaman keessaa kanneen maqaan argame ta’uu jiraattonni naannichaa ibsaniiru. 
Exit mobile version