Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Buree keessatti maqaa albuudaan murni Bilxiginnaa uummata qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun dhagaa’ame

ONM-ABO Sadaasa 24, 2024 

Murni aantummaa sabaa hin qabne murni Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaanii qofa  leellisuun uummata irraan miidhaa gurguddaa geessisaa jiru.

Haaluma kanaan godina Iluu Abbaa Boor aanaa Bureetti bakkoota kanaan dura albuuda saamaa ture ammas itti fufuun bakka warqiin baafamuudha jechuun qotee bultoota hedduu lafa qabiyyee isaanii irraa beenyaa tokko malee buqqaasuun beekamee jira.

Lafa kana waggootaaf irra qotannee ilmaan keenya irraa sooraa fi jiruu fi jireenya keenya ittiin adeemsisaa turre har’a akkamiin irraa buqqaana jedhanii gaaffii gaafatanis kun waan biyyaati lafti keessan as miti jechuun qabiyyee hawaasaa kana irraa kan buqqisan yoo ta’u, namoota hedduu ammoo sababuma gaaffii kana gaafatan qofaaf mana hidhaatti naqanii jiraachuu dubbatu. 

Akka jiraattonni jedhanitti namoonni qabeenya isaanii irraa beenyaa tokko malee buqqa’anii jiran gara 200 ol akka ta’anii fi namoonni kunneenis dararama hamaa keessa akka jiran ibsu.

Oromoo taanee dhalannee akka sabaatti jiraachuu hin dandeenye, lafa keenya irraa buqqifamnee gidiraa hamtuu keessummeessaa jirra, qaama itti iyyannus hin qabu, bara Oromoo ta’uun qofti yakka ta’ee fi Oromummaan balaaleeffatamuu keessa jirra jechuun rakkoo isaanii himatanii jiru.

Exit mobile version