ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025
Murni garboomsaan impaayera Itiyoophiyaa of harkaa qabu hawaasa nagaa badii tokko malee kutaalee Oromiyaa cufa keessatti hidhaa, ajjeesaa, qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisaa gariin isaas abiddaan barbadeessaa kaan saamuun qe’ee ulfoo salphisaa jira.
Bifuma kanaanis yeroo ammaa godina Baalee Lixaa aanaa Gobbaa keessatti murni Bilxiginnaa maqaa paarkii dhaabna jedhuun qotee bultoota hedduu lafa isaanii irraa buqqisuun, qotee bultootni kunneen iddoo jiraatan dhabanii rakkoo hamaa keessa jiraachuu jiraattonni aanichaa dubbataniiru.
Akka jiraattonni himanitti murni Bilxiginnaa osoo nuti qe’ee keenya keessa jirruu waraana aanaa Gobbaa irraa fidanii afaan qawweetti dhimma bahuun beenyaa tokko malee lafa keenya weeraruun gaaffii abbaa qabeenyummaa gaafanneefis reebicha ulfaataa qaama keenya irratti taasisuun qabeenya keenya dhuunfatan jechuun ONM’f eeraniiru.

