ONM-ABO Sadaasa 27, 2024
Sirni dhiigaa fi lafee ilmaan Oromootiin teessoo impaayerattii bute bilxiginnaan, uummata Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa isaa erga deebisuu dadhabee afaan qawweetti amanee duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun isaanii kan beekamuudha.
Uummata Oromoo haamilee gaaffii mirgaa cabsuuf halkanii fi guyyaa kan hojjetu sirni maafiyaan PP dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun kan teessoo kiyyatti yaaddoo ta’u danda’u jedhu hidhaatti guuruu fi ajjeessanii waakachuun qaama biraa maqaa balleessuu fi dhugaa uummataa awwaaluun soba lafarra hin jirre jiraachiisuudhaan odeessaa oolu.
Bifuma kanaan Finfinnee aanaa Aqaaqii Qaalittii ganda Odaa Kattichaa jedhamu keessatti Sadaasa 24, 2024 mana qonnaan bulaa maqaan isaa Urgeessaa jedhamu meeshaa mana keessaa tokkollee osoo hin hambisin midhaan boqqolloo waliin ibiddaan gubuu jiraatonni naannoo sanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti yaada isaanii ibsanitti Urgeessaan nama hojii qonnaa malee siyaasa kam keessaayyuu harka hin qabne ta’uu himuun, sirni bilxiginnaa uummata dirqamaan afaan qawweetiin bulchuuf doorsisa isaanii kan yeroo kamuu caalaa geggeessaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

