ONM-ABO Sadaasa 27, 2024
Afaan qawween doorsisanii saamichi daangaa hin qabnee fi dhiittaan mirgoota namoomaa hammaataan hidhattoota sirnichaan irratti geggeeffamaa kan jiru uummanni Oromoo aanaa Jiillee Dhummuuggaa, yeroo ammaa haala duraan barameen olitti saamichi maqaa nyaataa fi uffata milishaaf jedhuun hawaasicha irratti raawwatamu jabaatee itti fufeera.
Dinagdeen impaayerattii harkatti maseenuun waan qabee gadi dhiisu kan wallaale sirni bulguun faashistii Koloneel Abiyi Ahimed, afaaniin badhaadhina haa faarsu iyyuu malee, lafa irratti garuu loltoota isaaf miindaa kaffaluun hafee waanuma nyaachisuu fi uffisullee dhabuun loltoota isaa gara jabeeyyii hawaasatti bobbaasee uummata nagaa saamsisaa kan jiru ta’uu uummanni Oromoo doorsifamaa jiruu fi taateen Oromiyaa keessatti guyyuu raawwatamu ragaadha.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa gandoota aanichaa cufa keessatti labsii lukkeeleen Bilxiginnaa Sadaasa 24 fi 25, 2024 baafataniin jiraattotaan maqaa nyaata milishaa jedhuun ganda tokko irraa midhaan ardaba 20 qopheessuu qabduu fi akkasumas uffata milishaaf jechuun ammoo akka hulaa banatuun tokko tokkoon namootaan qarshii 200 kaffalaa ittiin jechuun jiraattota harkaa saamuuf karoorsanii akka jiran maddeen keenya aanichaa ONM’f himaniiru.
Akka jiraattotni aanaa Jiillee dubbisne kun jedhanitti, namni midhaan nyaata milishaa fi qarshii uffata milishaa jedhame kana guyyaa 2 fi 3 gidduutti hin kaffalle hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, kanaaf WBO’n nuti deemnee barbaannus hin jiru, balaa booda isin irra ga’uuf ammoo itti gaafatamaan matuma keessani, kanaaf wal hin komannu ittiin jechuun hawaasa qaala’iinsi jireenyaa mataarra isaan ba’uun ijoollee isaanii jiraachifachuufuu rakkachaa jiran kanneen akeekkachiisanii deemuu dabaluun dubbataniiru.

