Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Naannoo Raashiyaa Kursk  keessatti yoo xiqqaate loltoonni Kooriyaa Kaabaa 30 ajjeefamuu fi madaa’uu Yuukireen ibsite

ONM-ABO Muddee 17, 2024 Yukireen 

Wiixata kaleessaa akka jettetti loltoonni ishee yoo xiqqaate loltoota Kooriyaa Kaabaa 30 kanneen Raashiyaan gara naannoo dhiha Kursk ishee Yukireeniin qabatamtetti bobbaaftee turte ajjeesuu ykn madeessuu ibsite.

Loltoonni kumaatamaan lakkaa’aman Kooriyaa Kaabaa irraa humnoota Raashiyaa cimsuuf dhufan naannoo daangaa Kursk kan Raashiyaan ganna kana haleellaa tasa humnoota Yukireen irraa raawwatameen booda naannoo ishee deebifachaa turte dabalateeti.

“Muddee 14 fi 15, kutaaleen waraanaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Ummata Kooriyaa (DPRK) naannoo gandoota Plekhovo, Vorozhiba, Martynovka naannoo Kursk Raashiyaa keessatti argamanitti kasaaraa guddaa mudateen  yoo xiqqaate loltoonni 30 ajjeefamuu fi madaa’uu,” basaasaan waraanaa Yukireen  beeksiseera.

Kutaaleen kunneen Kooriyaa Kaabaa irraa “hojjetoota haaraatiin guutamaa kan jiru” yoo ta’u, qondaaltonni biyyoota dhihaa yoo xiqqaate loltoota 10,000 Moskoo gargaaruuf ergiteetti jechuun dubbatu.

Raashiyaa fi Kooriyaan Kaabaa erga Moskoo weerartee booda walitti dhufeenya waraanaa isaanii guddisaniiru.

Raashiyaan loltoota Yukireen naannoo Kursk keessaa dhiibuuf haleellaa irratti lammiilee Kooriyaa Kaabaa “lakkoofsa mul’atu” bobbaasuu eegalteetti jedhan prezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy Sanbata darbe.

Ji’a darbe maddi waraana Yukireen tokko AFPtti akka himetti, Kiiv lafa iskuweer kiiloo meetira 800 achitti to’attee jirti, kunis kanaan dura naannoo iskuweer kiiloo meetira 1,400 to’atteetti jedhame irraa gadi bu’eera jechuun AFPn gabaaseera.

Exit mobile version