ONM-ABO Muddee 19, 2024
Jiruu fi jireenya uummataa burjaajessuuf malee nageenya waaraa sabichaaf buusee kan hin beekne Bilxiginnaan guyyaa irraa gara guyyaatti ergamtoota isaan hiraarfama jiraattota irratti jabeessaa jira.
Godina Jimmaa aanaa Saxxammaa Magaalaa Gaattiraa lafa gabaa guddaa Dilbataa irratti Muddee 14, 2024 namootni maqaan isaanii:
- Abdulkariim Diiggaa fi
- Za’iim Zeenuu jedhaman horii manaa gurgurachuu lafa gabaa deemanii beeyladni isaan gurgurtaaf gabaa baasan gurguramuufii didnaan yeroo fudhatanii manatti galuuf mooraa horii keessaa ba’an milishaan kaffaltii qaraxaa gaafate.
Namoonni kunneenis qarshii of harkaa hin qabnu horii hin gurguranne waan isiniif laannu hin qabnu oggaa ittiin jedhan milishaan tokko kokkee qabee kabalee darbatee yoo kuffisu kanneen birootis nama sadii ta’uudhaan kopheedhaan mormarra ejjataa lafanni kufee ciisutti uleedhaan reebicha suukkaneessaa irratti raawwatan.
Qaamni hawaasaa lafa gabaatti daldalaachuuf iddoo sana jiru nama reebame akka lafaa fuudhee gara buufata fayyaa hin geessine dhorkaman.
Miidhamaan kun lafa kufe irraa gara Hospitaala Saxxammaa yeroo geeffamuttis qaama nageenyaa poolisiidhaan kutaa inni jirutti akka ogeessi fayyaa ol itti hin galle dhorkame.
Ibsaan waan hin jirreef tajaajila fayyaa argachuu hin danda’u maqaa jedhuun guyyaa guutuu otuu hin yaalamin ture. “Maatiin isaas erga ibsaan hin jirree asitti nu duraa hin ajjeesinaa ilma keenya nuuf kennaa gara Hospitaala guddicha Jimmaa geessinee yaalchifannaa” jedhanii waan gaafataniif badii isaanii malee gaaffii mirgaa gaafataniif akka hidhaman taasifame.
Namni reebichi hamaan irratti raawwatame kunis tajaajila yaalaa gahaa ta’e otuu hin argatin halkan tokko hospitaala bulchanii amma mana hidhaa waajjira Poolisii aanaa Saxxammaa keessatti dararamaa jira.
Kana malees ergamtoonni sirnichaa Muddee 15, 2024 magaalaa Jimmaa keessatti halkan keessaa toora sa’a 1:40 irratti hoteela Kabbadee jedhamu irratti boombii yoo darbatan guyyuma sana magaalicha keessatti halkan naannoo sa’a 4:30’tti konkolaachiisaa Bajaajii kan ta’e nama maqaan isaa Fu’aad jedhamu maaliif sa’a kana deemta ittiin jechuun rasaasa 3’n rukutuun akka ajjeesan maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

