Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti hidhaa fi saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaate

ONM-ABO Muddee 30, 2024 

Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban gara hawaasa nagaa fi maatii qabsaa’otaatti deebi’uun dararaa suukkaneessaa ta’e raawwachaa kan jiran ammallee haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa dararuu cimsanii itti fufanii jiru.

Jiraataa aanaa Daarimuu ganda Gungummii kan ta’e nama maqaan isaa Ayyaanaa Huseen jedhamu “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun Muddee 22, 2024 sa’atii 10:00’tti badii tokko malee Oromummaa isaa qofaaf yakkuun waraanni maafiyaan impaayerattii ukkaamsanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Namni kun nama harka qalleessa hojii guyyaa hojjetee jiraatuu fi maqaa sobaatiin yakkanii mana hidhaatti darbachuun ibsameera.

Akkuma aanichaatti dararaan loltoota sirnichaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu cimee itti fufuun, ganda Meexxii Guddaa irraa maqaa “buusii Raayyaa Ittisa Biyyaa”  jedhuun dirqamaan waraana irratti bobbaasuun afaan qawwee itti qabuun rakkisaa kan jiran yoo ta’u, nama tokko irraa qarshii 1,500-3,000 saamuun, namoonni hedduun waan kaffalan dhabuun waajjira gandaatti hidhuun dararaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version