Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwii keessatti ergamatoonni sirnichaa jiraattota hidhaatti darbachuu hammeessan

ONM-ABO Muddee 31, 2024 

Sabboontota ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun miidhaa ulfaataa irraan gahuu kan amaleeffate waraanni sirna nama nyaataan PP, yeroo ammaa kanas kutaalee impaayerattii cufa keessaa akka bineensaatti adamsee hidhaatti guuruu jabeessee itti fufee jira.

Muddee 28, 2024 waraanni goolessaan impaayerattii aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Biraanuu Iddoosaa fi 
  2. Tasfaayee Baqqalaa jedhaman 

badii tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi akkuma aanichaattis ergamtoonni sirnichaa sababa sobaa garaa garaa itti maxxansuun hawaasa nagaa irra deddeebiin dararaa kan jiran ta’uu himuun, yeroo ammaa baanee galuuf iyyuu yaaddoo hamaa keessa jirra jechuun yaada isaanii miira aarii fi gaddaan guutameen ONM’tti himanii jiru

Exit mobile version