Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Nooleetti hidhaa fi dararaan ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Amajjii 2, 2025 

Loltoonni impaayera Itiyoophiyaa yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo kijibaan yakkuun ukkaamsanii mana hidhaatti darbatanii qarshii hedduu gaafachuu fi dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Jiraataa aanaa Sayyoo Noolee ganda Odaa Abboonnoo kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Jimaa jedhamu loltoonni Bilxiginnaa badii tokko malee ukkaamsuun waajjira Poolisii magaalaa Dabbasootti baatii tokkoo oliif gaaffii seeraa tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun armaan duras rasaasa ergamtoota maafiyaa PP’n rukutamee qaama miidhamaa ta’uu himuun, innis roorroon itti hammaachuun gara magaalaa Dabbasootti baqatee jiraachaa kan turee fi ammas sababa tokko malee adamfamuun hidhaatti darbatamuu dubbatu.

Exit mobile version