ONM-ABO Amajjii 6, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti murni Bilxiginnaa loltootaa fi ogeessota misoomaa isaa bobbaasuun biqiloota bakkee dabalatee qabeenya jiraattotaa tokko tokkoon irra deemanii lakkaawuun maallaqa humnaa olii itti tilmaamuun saamaa kan jiran yoo ta’u, ganda Odaa Aannanii jedhamu keessaa Amajjii tokko irraa eegaluun:
- Hundee bunaa tokkotti qarshii 50,
- Baargamoo tokkottis qarshii 50 fi
- Loon tokkotti ammoo qarshii 300
dirqamaan afaan qawwee itti qabuun saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni nuti dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees kanneen mana baaburaa midhaan nyaataa qaban irraa qarshii 10,000 fi isaa ol guuraa kan jiran yoo ta’u, nama Kadir Alii jedhamu irraa humnaan qarshii 12,000 fudhatanii kan jiran ta’uus maddeen himan.
Kanumaan walqabatee yeroo ammaa kanas hawaasni waan kaffalu dhabuun gara itti deebi’u dhabee qe’ee fi qabeenya gadi dhiisee baqachaa kan jiru ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

