Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa keessatti hidhattoonni sirnichaa dargaggeessa tokko ajjeesuun barame

ONM-ABO Amajjii 9, 2025 

Murni ajjeesaan Bilxiginnaa afaaniin nagaa labsaa hojiin isaa ammoo ajjeesaa ta’e hidhattoota isaa gara jabeeyyii ta’an kanneen uummataaf gara laafina tokkollee hin qabne itti bobbaasuun gochoota safuu hawaasichaa hin eegne guyyaa irraa gara guyyaatti akka bineensaatti raawwachaa jiraachuun isaa ifoomeera.

Gareen uummata saamuun ofii fi barcuma aangoo nam-tokkee eeguu qofa malee uummata irraa  dantaa hin qabne Amajjii 6, 2025 galgala toora sa’a 1:30 keessa dargaggoo maqaan isaa Fu’aad Abbaa Jihaad jedhamu dhalataa godina Jimmaa aanaa Geerar kan ta’e magaalaa Jimmaa keessatti badii tokko malee Oromummaa isaan yakkuun ajjeesanii jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa namoota itti dhiheenyaan haala ajjeechaan kun itti raawwate sirnaan beekan hordofuun adda baafateetti nama balleessaa tokkollee hin qabnee fi hawwaasa gidduutti jaallatamummaa guddoo qabu kan Bajaajii oofuun of jireessu ta’uus ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version