Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Walisoo magaalaa Sooddoo Garboo jedhamu keessatti haleellaa WBO’n irraan gaheen wal qabatee uummata dararaa jiraachuun himame

ONM-ABO Amajjii 15, 2025 

Walisoo magaalaa Sooddoo Garboo jedhamu keessatti Waraanni Bilisummaa Oromoo haleellaa waraana Bilxiginnaa irraan ga’een wal qabatee loltoonni PP uummata nagaa dararaa jiraachuu gabaasni argame ifoomse.

Loltootni Impaayera Itiyoophiyaa haleellaa WBO dheessuun yeroo lolli irratti taasifamu haaloo uummata nagaatti bahachuun waggoota 6 as irra deddeebiin raawwatamaa ture. Bakkeewwan WBO’n haleelee baqatanii kanneen bahan daandii irratti nama argan mara ajjeesuuf dararuun akkuma himamaa ture ammas sababaa haleellaa WBO kanaan wal qabatee waraanni faashistii PP uummata nagaa mana hidhaatti guuraa jira.

Lolli kun Amajjii 7, 2025  raawwate, guyyaa kana Waraanni Bilisummaa Oromoo loltoota PP’tti ganamaam mooraatti ol itti seenuun diina lafa naquun ni yaadatama. 

Yakki waraanaa caasaa loltoota Impaayera PP’n raawwatu daangaa kan darbe yoo ta’u dhaabbata mootummoota gamtoomanii dabalatee qaamoleen mirga namoomaaf falman dararaa waraanni faashistii Itiyoophiyaa raawwatu yeroo garaa garaa balaaleffataa turuun ni beekama.

Exit mobile version