Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Gammachiis keessaa qonnaan bulaan tokko sababa ergamtoota Bilxiginnaaf waan kaffalu dhabeef of ajjeesuuf osoo jedhuu argame

ONM-ABO Amajjii 17, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bitamuun, waa’ee dantaa saba irraa dhalatanii dhimma tokkollee kan hin qabnee fi qarshii guyyaa tokko illee nama oolchuu hin dandeenyeen hawaasa nagaatti afaan qawwee garagalfachuun dararaa ulfaataa ta’e geggeessaa jiru.

Aanaa Gammachiis ganda Geegiyyaa jedhamu irraa Amajjii 13, 2025 namni maqaan isaa Abdallaa Hasan jedhamu yeroo adda addaatti dhukkubsataa kan ture ta’uun kaffaltii ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo yeroon gaafatan waan fidee kaffalu dhabee of rarraasee osoo lubbuun keessaa hin ba’in namoonni qaqqabanii oolchuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessatti argaman dinagdeen dadhabsiisuuf halkanii fi guyyaa dararaa hamaa raawwachaa kan jiran, hiyyeessaa fi sooressa osoo hin jenne waan jedhan hunda dirqamaan afaan qawwee itti garagalfachuun humnaan saamaa jiraachuu fi warra hin qabne irratti immoo reebichaa hanga hidhaatti irratti raawwachaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version