Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Oromiyaa Godina Baha Harargee fi Lixa Harargee keessatti murna PP’n hidhaa fi saamichi uummata irratti jabaate

ONM-ABO Amajjii 19, 2025 

Faashistoonni murna Bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuu irratti bobba’an goleewwan Oromiyaa cufa keessatti kan duriin olitti gochoota ciiggaassisoo dhala namaaf hin malle guyyaa dhufee darbuun ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru.

Baha Oromiyaa Godinoota Harargee lamaan keessatti maqaalee akka, inshuraansii fayyaa, buusaa gonofaa, gibira fi gatii milishaa jechuun saamicha daangaa darbe uummata irratti kan geggeessan oggaa ta’u kana malees namoota maallaqa waan kennan dhaban reebicha irratti raawwachuun hidhaatti oggaa darbatan, dargaggootas jumlaan ukkaamsuun leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun onoota godinaalee kana lamaanii cufa keessatti hammaatee jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Godina Lixa Harargee aanaa Ciroo gandoota baadiyyaa keessatti ammoo maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun hidhaa fi dararaa hamaan geggeeffamaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, araddaa Sheek Adamii fi magaalaa Ciroo keessatti maqaa deggertoota WBO jedhuun manneen sakatta’uu fi reebichi geggeeffamaa akka jiru barameera.

Exit mobile version