ONM-ABO Amajjii 20, 2025
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa jedhamu irraa Amajjii 15, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Aadde Siisayee Sirriiqaa,
- Aadde Malkituu Tafarraa fi
- Aadde Warqinee Margaa jedhaman
loltoonni Abiy Ahimed badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dubartoonni hidhaman kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi maqaa “abbootii warraa keessantu milishummaa dhiisee galee fi ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun mana isaaniitii qabamuun hidhaatti darbatamanii jiraachuun ibsameera.
Kana malees godinuma kana aanaa Jimmaa Arjoo ganda Haraa Gabatoo jedhamu keessaa Amajjii 16, 2025 haadha warraa qabsa’aati jechuun maanguddoo Takkaa’ee Tashoomaa jedhamtu jalaa meeshaalee mana keessaa, uffataa hanga midhaan nyaataatti tokko osoo hin hambisin guurratanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

