Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaaggaa keessatti Murni PP mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz waliin wal ta’uun maqaa sakkattaa jedhuun uummata saamuu fi gidirsaa jiraachuun barame

ONM-ABO Amajjii 23, 2025 

Murni abbaa irree impaayera Itiyoophiyaa Bilxiginnaan guyyaa dhufee darbuun ilmaan Oromoo qe’ee isaa keessatti balleessaa tokko malee Oromummaa isaanii qofaan saamtota waraana isaa itti duulchisuun boqonnaa dhabsiisee gidirsaa oolu diinummaa isaa irratti hammeessuun dararaa jira.

Akka guutuu Oromiyaatti goolessitoota sirnichaan jiruuf jireenya isaa dhabaa kan oolu uummanni Oromoo yeroo kamii olitti rakkoolee garaa garaa dhandhamaa jiraachuun kan beekamu yammuu ta’u, ammas balleessaa tokko malee hidhamaa, ajjeefamaa fi saamamaa jira.

Bifuma kanaan Bilxiginnaan Oromiyaa fi mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz wal ta’uun maqaa sakatta’iinsa jedhuun Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu, Qilxuu Kaarraa, Lataa Sibuu fi Najjoo keessatti bobba’uun saamichaa fi dararaa ulfaataa jiraattota irratti hammeessanii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Exit mobile version