ONM-ABO Guraandhala 3, 2025
Loltoonni Bilxiginnaa naamusaa waraanummaa hin qabnee fi seera hin kabajne gama bobbaafaman hundaan hawaasa Oromoo irraan dhiibbaa ga’uu itti fufanii jiru.
Godinaalee Harargee lamaanitti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa hunda walga’ii baasuun “waan baay’ee uummata keenyaaf hojjennee jirra. Gara fuulduraas uummata keenyaaf waan baay’ee hojjenna” jechuun sobanii afaan dhadhaa godhatanii hawaasa gowwomsaa jiraachuu jiraattonni gandinaalee kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Nama waan isaan jedhan didan immoo “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun maqaa adda addaa itti maxxansuun doorsisaa turan.
Bulchiinsa kana Bilxiginnaatu of harkaa qaba, guddina fidaa jirra, yoo nu hin deggerre hidhata diinaa qabdu jennee isin miidhuu dandeenya, siyaasa Bilxiginnaa ala kan biraa tarkaanfachiisuu hin dandeessanii fi ga’een keessan walgahii isin waamne dhufuu akkasumas maallaqa isin gaafanne kaffaluudha jechuun uummatni waan isaan jedhaniin ala deemuu akka hin dandeenye akeekkachiisuun barameera.

