ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025
Ergamtoonni ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dararaa ulfaataa irraan ga’uu amaleeffatan loltoonni Bilxiginnaa, har’as kutaalee impaayerattii cufa keessaa ilmaan Oromoo bifa adda ta’een adamsanii hidhaatti guuruu itti fufanii jiru.
Aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee keessaa Guraandhala 5, 2025 dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii; Gabbisaa Alamuu fi Tasfaayee Nagaasaa jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee osoo isaan dhimma dhuunfaa isaanii maatiidhaaf midhaan nyaataa daaksisuu gara mana baabura midhaanii deemaa jiranii daandii irraa qabuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen hirmaattota siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin taane ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa garuu sababa sobaa “WBO’f dhiheessii dhiheessitu” jedhuun, midhaan nyaataa ardaba tokkoo fi harree tokkos jalaa fudhatanii kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

