Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraarootti lukkeeleen Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa fi jiraattota jumlaan hidhaatti guuruu itti fufan

ONM-ABO Gurraandhala 11, 2025 

Lukkeeleen Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti addatti maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeefachuun, maqaa adda addaa itti maxxansuun sobaan yakkanii hidhuu, saamuu, ajjeesuu, gudeeduu fi gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabneen hiraarsaa jiru. 

Aanaa Siraaroo ganda Jaartee Bakulee jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa hawaasni hin qabne itti maxxansuun dararaa ulfaataa ta’e irraan gahaa kan jiran yoo ta’u, ammallee haala duraan barameen olitti itti fufuun, maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromootii fi ilmaaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun badii tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Raadiyaa Dammaa, 
  2. Timiraa Dammaa, 
  3. Mahaammad Tum’aa,
  4. Sa’id Tum’aa, 
  5. Ahimad Tum’aa,
  6. Sinquu Tum’aa, 
  7. Adichoo Tum’aa
  8. Hajisoo Halqoo,
  9. Quufaa Bulchaa fi 

kanneen biroo hedduu Guraandhala 2, 2025 qabanii hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

 Maddeen namoonni hidhaman kunneen hirmaannaa siyaasaa tokkollee kan hin qabne ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen gocha isaan keessa hin jirre itti maxxansuun yakkanii hidhaatti darbachuu isaanii fi ganda kana malees, gandoota aanichaa cufa keessaa badii tokko malee namootni hiraarfamaa kan jiran ta’uun eerameera.

Exit mobile version