ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025
Loltoonni Bilxiginnaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun, gara uummata meesha maleessatti deebi’anii itti roorrisuu, hiraarsuu fi qe’ee irratti gubuun haaloo gahumsa lolaa dhabuu isaanii hawaasa nagaatti ba’ataa oolu.
Gurraandhala 12, 2025 naannoo sa’a 4:00’tti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo loltoota sirnichaa hawaasa nagaa dararuuf bobbaafamte keessaa tokko battalatti ajjeesuun, lama immoo madoo damdammii hin qabneen adabuu hordofee, loltoonni sirnichaa haadholii daandii irra deeman hedduu rasaasaan madeessuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Haadholiin miidhaan irra ga’e sadii yoo ta’an, yeroo ammaa baasii isaaniin yaalamaa jiru.
Waraanni faashistii PP Abiy Ahimediin aangoo irra tursuuf bobbaafaman bakka hundatti uummata nagaa ilaalcha siyaasaan qooduun ajjeechaa irratti raawwachaa jiru.

