ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025
Murni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa gama hundaan raafamtee jiguuf jettu utubuuf jecha, ergamtoota isaa hawaasa nagaatti bobbaasuun humnaan ukkaamsisee gara leenjii waraanaatti guursisuu jabeessee itti fufee jira.
Aanaa Laaloo Assaabii ganda Ordaa Daalattii jedhamu keessaa Gurraandhala 9, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Alamuu Magarsaa,
- Hambisaa Guddinaa fi
kanneen biroo hedduu ammaaf maqaan isaanii adda hin baane ergamtoonni sirnichaa dirqamaan gara leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Yeroo ammaa kanas hawaasni gandichaa sababuma leenjii waraanaa kanaaf qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqa’uun baqachaa kan jiru ta’uu maddeen itti dabaluun himan.

