• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Laaloo Assaabii keessatti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

Feb 18, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025 

Murni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa gama hundaan raafamtee jiguuf jettu utubuuf jecha, ergamtoota isaa hawaasa nagaatti bobbaasuun humnaan ukkaamsisee gara leenjii waraanaatti guursisuu jabeessee itti fufee jira.

Aanaa Laaloo Assaabii ganda Ordaa Daalattii jedhamu keessaa Gurraandhala 9, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Alamuu Magarsaa,
  2. Hambisaa Guddinaa fi 

kanneen biroo hedduu ammaaf maqaan isaanii adda hin baane ergamtoonni sirnichaa dirqamaan gara leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Yeroo ammaa kanas hawaasni gandichaa sababuma leenjii waraanaa kanaaf qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqa’uun baqachaa kan jiru ta’uu maddeen itti dabaluun himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading