ONM-ABO Guraandhala 17, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa dinagdee isaanii guutummaa guutuutti kufuu ga’e dandamachiisuuf qonnaan bultoota Oromoo baadiyyaa jiranitti fayyadamanii dirqiin galii irraa walitti qabuun gar-tokkee harka murna faashistii PPtti galii gochuun gara hafe immoo faayidaa dhuunfaa isaanii irra oolfachaa waan jiraniif dantaa dhuunfaa isanii kanaa irra deddeebiin kaffaltii nuffisiisaa uummata gaafachaa jiraachuun barameera.
Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddoota hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun saamicha raawwachaa akkuma turan, yeroo ammaa kana illee haala duraan barameen olitti nagahee tokko malee maqaa:
– “nyaata milishaa” jedhuun midhaan quunnaa 3,
– “qawwee ittiin binna” jechuun qarshii 1,000 fi kaffaltii gosti isaa hin beekamneen immoo qarshii 600 doorsisuun saamaa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Namoota kaffaltii jedhame kaffaluu didan maqaa adda addaa itti baasuun reebichaa fi hidhaan hiraarsuu bira darbee hawaasa hunda yeroo yeroon walga’ii baasuun yaa’ii fuuldutatti isin ajjeesna jedhanii akka doorsisan baramee jira.

