Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti kaffaltii hidha laga Abbaay jechuun bulchiinsi Adaanech Abeebee humnaan qarshii funaanaa jira

ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025 

Hidhi guddichi laga Abbaay bara Abiy Ahimed aangootti hin dhufin dura waggoota 7 keessatti parsantii 65 deemus, erga Abiy Ahimed aangootti dhufee turtii waggaa torbaa wal fakkaataa keessatti parsantiin 35 dhumuu dadhabuun wagga waggaan rivaayinii muraa fi waliigalli isaa ni dhuma jechuun waggaa fi ji’a keessa raawwatan waadaa galanis dhumuu hin dandeenye.

Hidhi Abbaay waadaa Masiriif galame irratti hundaa’uun kiiloo waattii kumaan karoora isaa irraa hir’ate, har’as xumuramuuf akkuma gaafa ittiin jalqabamee qarshii biliyoona 80 ol akka barbaadu qaamoleen ijaarsa sana geggeessan ibsanii turan.

Haa ta’u malee ibsa kana Laggaseen Tulluu waakkatus lafa jalaan maallaqa sana guutuuf namni dhuunfaa fi abbootiin qabeenyaa kaffaltiin dararamaa jiru.

Akka kanaanis bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa adda addaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa Adaanech Abeebeen bobba’an mana mana irra deemuun qarshii irraa fuuchaa jiru.

Kaleessa Gurraandhala 24, 2025 magaalaama Finfinnee kutaa magaalaa Guullallee aanaa 10 Shogolee bakka jedhamu keessatti mana namootaa irra deemuun namoota dhuunfaa irraa dirqamaan qarshii dhibba shan shan fuuchaa turan. Kan nama dhibu lukkeelee Bilxiginnaa kana waliin poolisotni bobba’uun dirqamaan namoota irraa hidha laga Abbaay xumursiisuuf baajetni nu hanqate jechuun funaanaa turuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Murni rakkoon osoo mataa isa maree jiruu misoomaan dhaadatu, diimookiraasiin osoo hin jirre nama jijjiiramaa of godhu fi bakka namootni jireenyaan waxalamaa jiraniitti abjuu keenya jiraachaa jirra jechuun kaadiroota isaa miidiyaan dubbachiisu keessatti qe’ee jiraattotaa keessatti miidhaan qaqqabaa jiru ulfaataa ta’aa jiraachuu kanneen ibsan hedduudha.

Exit mobile version