ONM-ABO Bitootessa 6, 2025
Miseensonni olaanoon pirezidaantii Doonaald Tiraamp afur mormitoota siyaasaa olaanoo pirezidaantii Yukireen Volodamer Zelenskii tokko tokko waliin marii gaggeessuu isaanii Politico’n Roobii kaleessaa gabaaseera.
Hogganaa mormitoota Yukireen Yuuliyaa Tamoshenko fi miseensota olaanoo paartii pirezidaantii duraanii Petiro Poroshenko waliin mariin akka taasifame Politico’n gabaaseera. Politico’n gabaasa kana miseensota mana maree Yukireen sadii fi ogeessa imaammata alaa paartii Rippabilikaanotaa ta’uu kaasuuni.
Mareen kunis Yukireen filannoo pirezidaantummaa ariifataa qabaachuu fi dhiisuu ishee irratti mariin gaggeeffameera jedha gabaasni kun.
Pirezidaantiin US Ameerikaa Zelenskiin abbaa irreeti yeroo fedhanitti ammoo uummataan hin filatamne, filannoo hin geggeessine kan jedhaniin yoo ta’u, kunis Pirezidaantichi nama waliin maree araaraa Raashiyaa waliin xumuruu fi mallattoo albuudaa Ameerikaaf raawwatu achitti akka barbaadu himamus, Pirezidaanti Zelenskii kaasuunis ta’e waliigaltee sana raawwaachuun yoo namni jijjiirame akka bubbulu xiinxaltootni ni dubbatu.

