• Sun. Mar 15th, 2026

Michoonni olaanoon Pirezidaant Trump mormitoota siyaasaa Zelenskiin waliin marii taasisuu gabaasaaleen himan

Mar 7, 2025

ONM-ABO Bitootessa 6, 2025 

Miseensonni olaanoon pirezidaantii Doonaald Tiraamp afur mormitoota siyaasaa olaanoo pirezidaantii Yukireen Volodamer Zelenskii tokko tokko waliin marii gaggeessuu isaanii Politico’n Roobii kaleessaa gabaaseera.

Hogganaa mormitoota Yukireen Yuuliyaa Tamoshenko fi miseensota olaanoo paartii pirezidaantii duraanii Petiro Poroshenko waliin mariin akka taasifame Politico’n gabaaseera. Politico’n gabaasa kana miseensota mana maree Yukireen sadii fi ogeessa imaammata alaa paartii Rippabilikaanotaa  ta’uu kaasuuni.

Mareen kunis Yukireen filannoo pirezidaantummaa ariifataa qabaachuu fi dhiisuu ishee irratti mariin gaggeeffameera jedha gabaasni kun.

Pirezidaantiin US Ameerikaa Zelenskiin abbaa irreeti yeroo fedhanitti ammoo uummataan hin filatamne, filannoo hin geggeessine kan jedhaniin yoo ta’u, kunis Pirezidaantichi nama waliin maree araaraa Raashiyaa waliin xumuruu fi mallattoo albuudaa Ameerikaaf raawwatu achitti akka barbaadu himamus, Pirezidaanti Zelenskii kaasuunis ta’e waliigaltee sana raawwaachuun yoo namni jijjiirame akka bubbulu xiinxaltootni ni dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading