ONM-ABO Bitootessa 14, 2025
Kaaba impaayera Itoophiyaatti wal dhabdeen waggoottan hedduuf haala ulfaataa fi daran yaaddessaa ta’een kan adeemsifamaa turee fi gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa guddaan kan kaffaltii beenyaatiin ol ta’e raawwachaa turuun isaa ija uummattoota addunyaa jalaa kan hin dhokanne ta’us, har’as mallattoo walitti bu’iinsa agarsiisaa jira.
Keessattiyyuu garee waraana TDF fi kan isaan irraa adda ba’uun murna Bilxiginnaa jala galee Geetaachoo Raddaatiin durfamu gidduutti waldhabdee irra deddeebiin ka’aa ture hordofee naannicha keessatti nageenyi eegame kan dhabame yoo ta’u, humnoonni TDF Bitootessa 13, 2025 Bulchiinsa Magaalaa Maqalee dabalatee iddoowwan murteessoo FM 104.4 to’achuu gabaasaaleen ba’an ni addeessa.
Dhibdeen impaayera Itiyoophiyaa kun yeroo itti ni furama jedhamee eegamutti, murni nagaa fi tasgabbii hin barbaanne adeemsa walii galtee marii garee humnoota idil addunyaa fi Gamtaa Afrikaa waliin Afriikaa Kibbaa pritooriyyaatti walii galtee dhukaasa dhaabuun mootummaa Impaayera Itoophiyaa fi TPLF gidduutti ta’ee ture sirnaan hojiitti hiikuu dhabuun, tokko ofitti butee tokko ofirraa butanii dantaa siyaasaa eegsifachuun hojiin Bilxiginnaan deeme waraana biroo dhalchuuf akka deemu dubbatamaa jira.
Rakkoon qooddaa TPLF kun wal gaarreffannaa cimaan deemaa turuun erga qondaaltotni waraanaa TDF murtiin TPLF Dr. Debretsihooniin hogganumu hojiitti hiikamuun mootummaa yeroo Tigraay irratti fooyya’iinsi haa taasifamu jedhamee hammaateera.
Ergasii Geetaachoon Raddaa aangoo mootummaa isaa fayyadamee jeneraalota waraanaa 4 walduraa duubaan 3 Wiixata akkasumas 1 Kibxata yeroof hojii irraa akka dhaabbatan xalayaa barreessus biiroon bulchiinsaa fi nageenya Tigraay murtoo Geetaachoo Raddaan seeraa hin hordofne waan ofii muudne irraa buusuudha jechuun murtoo Geetaachoo dide.
Sana booda naannicha keessatti magaalaa Addigiraat hojii bulchiinsa Geetaachoo Raddaa diiguu kan eegale TPLF Addigudamii fi magaalota biroottis ce’uun Maqalee dhuunfatee Geetaachoo Raddaa fi Jeneraal Tsadqaan Gabretinsaa’ee dabalatee gareen isaanii naannicha gadhiisuun gara Finfinneetti akka deeman ta’eera.
Ibsa Finfinnee irraa Geetaachoo Raddaa kenneen Dabretshiyoonfaa nageenya Tigraay humna alaa waliin jeequuf deemaa jiru jechuun, deggersa uummataa akka qabu dubbateera. Dabalataanis Bilxiginnaa maaliif akka taa’ee isaan ilaalu akka hin beekne dubbachuun hojii barbaachisu akka hojjetuu fi waan hojjetamuu qabu Abiy Ahimediif akka dhiyeessu dubbateera.
Haa ta’u malee naannoon Tigraay haala yaaddessaa irraa akka jirtuu fi biyyootni Addunyaa hedduun dhibdeen kun akka nagaan furamu gaafachaa jiru.
Fuula dura kanattis Debretshihoonii fi gareen isaa dhimma naannichaa irratti mataa Bilxiginnaa Abiy Ahimed waliin akka mari’achuuf deeman kan eegamu yoo ta’u, Geetaachoon Raddaa garuu barcuma isaa tikfachuuf Abiy akka Dabretshihoonfaa waliin hin mari’anne waamicha dhiyeesseera.
Murni Bilxiginnaa nagaa fi tasgabbii sabaa fi sab-lammootaa argamsiisuu irra jeequmsaa fi hokkara filatee Impaayerattii keessatti dhiiga ilmaan hiyyeessotaa dhangalaasuu akkuma bare, har’as nagaa waaraa fiduu irra ujummoo afaan qawwee filachuun Itiyoophiyaan meeshaalee ammayyaa oomishuutiin addunyaaf dhiheessaa jirti jedhee haamilee guutuun yeroo inni jeequmsa gaanfa Afriikaaf of qopheessutu mul’ata.
Waggoota dhiyoo as biyyoota Afriikaa keessaa tokko kan taate Impaayerri Itiyoophiyaa rakkoo nageenyaa ulfaataan kan ishee mudate yoo ta’u, keessattuu wal waraansi irra deddeebiin karaa Kaaba impaayerattii taasifamaa ture yaaddoo nageenyaa guddaa uumuun sabaaf sab-lammoota dabalatee akkuma guutuu addunyaatti raafama guddaa fi haala akkaan yaaddessaa ta’uun isaa kan irraanfatamu miti.

