Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Dambiitti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota irraa maallaqa ijaarsa mana barnootaaf jechuun guuran fixanii, barattootni lafa itti baratan dhabuun barame

ONM-ABO Bitootessa 25, 2025 

Aanaa Dambii ganda Burqaa Jaalalaa iddoo addaa Dooyyoo jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa garaa isaanii qofaaf jiraatan armaan dura maqaa ijaarsa mana barnootaa jedhuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 5,000 guuranii dantaa dhuunfaa isaanii irra oolfachuun, yeroo ammaa kana barattoonni bakka itti baratan dhabanii rakkachaa jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Murni Bilxiginnaa qarshii kana humnaan sabbata haadha hiyyeessaa irraa hiikuun nyaatanii fixanis;        

  1. Bulchaa ganda Burqaa Jaalalaa kan ta’e, Abdul Jaliilii fi koree mana barnootaa kan ta’an ammoo:
  2. Zinaabuu Awwal,
  3. Muktaar Jamaal,
  4. Abdallaa Adamii fi
  5. Taakkalee Yimar kanneen jedhaman ta’uun eeramee jira.

Ergamtoonni maafiyaan PP sirna dhablummaa impaayerattiin saba lolaan keessa seentee fi hordoffii siyaasaa malee hojiin hawaasaa dhabuu irraan kan ka’e, qaamoleen kun Bilxiginnaatti maxxanuun uummata saamaa akka jiranii fi gochi akkasii aanaalee godinichaa hunda keessatti itti fufee jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version