Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti loltoonni Bilxiginnaa walitti dhukaasuun wal ajjeesuu fi madeessuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 25, 2025 

Aanaa Daarimuu magaalaa Haramii keessatti Bitootessa 21, 2025 waraanni impaayera Itiyoophiyaa dhugaatii alkoolii dhuganii machaa’anii dhukaasa walitti banuun loltoonni 4 battalatti yoo ajjeefaman, 6 ammoo madoon miidhamanii jiraachuu odeessi keessoo isaaniitii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

Hidda jibbiinsa sanyummaa mooraa Bilxiginnaa keessatti dagaagaa jiruu fi fedhii faayidaa argachuu jabaateen ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo addaa addaatti tarkaanfiiwwan garaa garaa wal irratti fudhachuu itti fufanii jiru.

Bakkoota hedduuttis sababa kanaan lubbuu wal irraa galaafachaa fi miidhaaf wal saaxilaa kan oolan yoo ta’u, miseensotni hedduun keessaa akka gananiifis sababa ta’eera.

Exit mobile version