Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Fannoo Diimaan Gaazaa keessatti ogeeyyii fayyaa sagal dhabeef yaaddoo guddaa keessa gale

ONM-ABO Bitooteessa 30, 2025 

Fannoo Diimaan Sanbata kaleessaa hireen garee ambulaansii ji’a diimaa Falasxiin sagal guyyoota torbaaf Gaazaa keessatti dhabamanii na yaaddesse jedhe.

Dhaabbanni gargaarsa namoomaa idil-addunyaa kun erga Sadaasa 23tti Raafaa keessa osoo socho’anii dhukaasa cimaa jala galan waliin wal qunnamtii hin qabnu jechuun ibsa baaseen beeksiseera.

“Namoonni gargaarsa namoomaa kun maatii isaanii lubbuun jiraachuu isaanii osoo  beekneef nagaadhaan akka deebi’an odeeffannoo fi qaqqabummaan jiraachuun barbaachisaa dha,” jechuun ibseera.

Akka UN jedhutti, erga Israa’el haleellaa Hamas Onkoloolessa 7 bara 2023 Kibba Israa’el weeraraniin booda ji’oota kudha saddeet keessa yoo xiqqaate hojjettoonni eegumsa fayyaa 1,060 ajjeefamaniiru. Hamas namoota 1,200, irra caalaan isaanii namoota nagaa ajjeesuun 250 booji’uu ragaan  Israa’el irraa ba’u ni addeessa.

Gaazaa keessatti namoonni 50,000 ol yoo du’an irri caalaan isaanii namoota nagaadha jechuun ministeerri fayyaa Gaazaa dubbachuu isaa Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version