ONM-ABO Bitooteessa 30, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti Roobii darbe Bitootessa 26, 2025 irraa eegaluudhaan Biiroon geejjiba magaalattii fi miliishoonni sirnichaa wal ta’uudhaan sababa hin beekamneen konkolaachiftoota baajaajii daandii gubbaatti eeganii lakkoofsa herregaa waliin isaa adda hin baane itti hiruun namni tokko qarshii 500 akka galchu dirqamsiisaa akka turan jiraattonni dubbifne tokko tokko ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattonni kunneen jedhanitti ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen konkolaachiftoota baajaajii maallaqa kana galchanii waraqaa mirkaneessituu mana Baankii of harkaa hin qabne, hojii irraa dhorkuudhaan qabanii mana hidhaatti darbachaa kan jiran yoo ta’u, saamichi bifa jijjiirrachuun jiraattota magaalichaa irratti geggeeffamaa jiru hamaa ta’uu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

