ONM-ABO Sadaasa 2, 2025
Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf qofa halkanii fi guyyaa ifaajan maqaa “kaffaltii deggarsa milishaa” jedhuun konkolaachistoota baajaajii irraa qarshii dhibba sadi sadii naga’ee seeraa tokko malee afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun guuraa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees godinuma kana aanaa Saasiggaa ganda Badhaasaa Guddinaa iddoo addaa 24 jedhamee waamamutti ammoo sirna dhableeyyiin ergamtoota Bilxiginnaa kunneen hawaasa meesha maleeyyii halkan guutuu bakkee bulchanii eegumsa halkanii eegsisaa kan jiran yoo ta’u, namoota guyyaa dabaree isaanii eegumsa kana irratti hin hirmaanne ammoo qarshii dhibba shan shan fi isaa oliin adabaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Murni rakkoo hawaasaaf furmaata waaraa kennuu hin beekne Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufatti shiftootaa fi saamtota lukkeelee isaa akkuma fedhetti bobbaasuun ilmaan Oromoo irratti dararaa garaa garaa raawwachiisaa kan jiru ta’uun ni beekama.
