Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Jaarsootti kaabinoonni murna PP uummata nagaa saamuu hammeessuun dhaga’ame

ONM-ABO Muddee 28, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessatti kaabinoonni murna PP uummata nagaa saamuu hammeessuun konkolaachiftoota doqdoqqee fi baajaajii barattootaa fi daldaltoota hojii garaagaraa irratti bobbaa’anii jiraataan doorsisanii qarshii harkaa fuuchaa akka jiran jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kaadironnii PP konkolaachiftoota doqdoqqee fi baajaajii irraa qarshii 500 hanga 1000’tti saamaa kan jiran yoo ta’u, baatii lamaan kanas walitti fufinsaan bifa addaan fuudhuun cinatti doorsisa jabaas irraan gahaa akka jiran addeeffameera.

Kana malees tokko tokkoon barattootaa irraas midhaan kuubbayyaa shanii fi qarshii gaafatanii harkaa fuudhaa akka jiranis himuun, kanneen maallaqa gaafataman dhiyeessuu dadhaban ammoo barnoota irraa ari’uun gidirsaa akka jiranis itti dabaluun ibsaniiru.

Murni Bilxiginnaa kaadiroota isaa shiftummaa leenjisee uummata nagaatti bobbaasee saamicha raawwachisuun dinagdeen hawaasichaa laamsha’ee akka of danda’ee hin jiraanne taasisaa jiru.

Exit mobile version