Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa Aanaa Roobee Dida’aatti waraanni faashistii PP ajjeechaa fi reebicha hammeessaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Ebla 1, 2025 

Aanaa Roobee Dida’aa ganda Saadiqa Tokkichummaa keessatti waraanni goolessaan Bilxiginnaa kabaja namaaf hin qabne nama maqaan isaa Reediwaan Haaji Bakar jedhamu yakka tokko malee mana isaa keessaa gad baasanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii kan gatan oggaa ta’u, guyyaadhuma sana gandicha keessatti shamarree maqaan ishee Bulbulee Haaji Faaqoo jedhamtu reebicha ulfaataa erga irratti raawwatanii booda miidhaa jabaa fayyummaa ishee irraan ga’uun akka hin yaalamnes taasisuun yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen ONM’f eeran.

Yeroo irraa gara yerootti dararaa hamtuu Oromoota irratti raawwachuu kan adeeffate murni shororkeessaan Bilxiginnaa kun gocha diinummaa isaa uummata irratti hammeessuun duguuggaa sanyii godina Arsii Bahaa keessatti guyyaa guyyaan raawwachaa oola.

Oromummaa isaanii qofaan diina taassisuun lubbuu uummata Oromoo akka baala mukaatti harcaasaa kan oolan goolessitoonni Bilxiginnaa, ajaja koloneel Abiy Ahimediin goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaafamuun qe’ee ilmaan Oromoo golgoleessaa jiru.

Exit mobile version