ONM-ABO Ebla 1, 2025
Aanaa Gammachiis magaalaa Dagaagaatti gareen oftuulummaan gara jabina hawaasa harka duwwaatti agarsiisu murni Bilxiginnaa Bitootessa 30, 2025 abbaa fi ilma kan ta’an:
- Obbo Abdallaa Hiisaa fi ilma isaa
- dargaggoo Ibraahim Abdallaa jedhaman
yakka tokko malee qe’ee isaanii irraa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo tumsitu jedhuun ukkaamsanii mana hidhaatti darbachuun gochoota dhaggeettiifuu hin tolle irratti raawwachuun himame.
Akka jiraattonni onicha irraa ONM dubbise himanitti Obbo Abdallaa fi Ilma isaanii kana erga to’annoo seeraa jala oolchanii faallaa heeraa fi seera impaayerattiin ala ba’anii gara jabinaan qaama isaanii irra cuubee waraanuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti osoo dhukkubuunii yaala tokko malee hidhanii hiraarsaa akka jiranis barameera.
Kana malees guyyaadhuma kana dargaggoota maqaan isaani:
- Haajii Ahimad Nuuree,
- Mohaammad Jawaarii fi
- Ibsaa Abdallaa kanneen jedhaman ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu itti dabaluun himaniiru.

