Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuutti hidhaa fi doorsisni hammaachuu jiraattonni ONM’tti himan 

ONM-ABO Ebla 6, 2025 

Bitootessa 24, 2025 godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ganda Uggee keessaa namootni sadii kanneen maqaan isaanii: 

  1. Obbo Xayibuu Mahaammad, 
  2. Saalii Abdurramaan fi 
  3. Kamaal Mulunaa 

jedhaman maqaa ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun loltoota maafiyaa PP’n ukkaamfamanii hidhamuun beekameera.

Hidhamtoonni siyaasaa kunneen guyyaa qabamanii hidhaman irraa kaasee hidhaa irraa baasuuf qarshii 43,200 maatii irraa akka fuudhan jiraattonni kan himan yoo ta’u, garuu hanga gabaasni kun qindaa’etti namoota hidhan kana baasuu dhiisuun hiraarsaa akka jiran ibsameera.

Lukkeeleen Bilxiginnaa kanneen saamichaan ijaaraman namoota nagaa maqaa siyaasaan yakkanii hidhuun maallaqa gurguddaa gaafatanii hidhaa irraa baasaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, bakkeewwan tokko tokkootti ammoo qarshii fudhatanis hidhamtoota gadi dhiisuu diduun yeroo dheeraaf rakkisaa akka jirantu dubbatama.

Exit mobile version