ONM-ABO Ebla 12, 2025
Baqattoonni Sudaan kuma tokkoo ol ta’an jalqaba bara 2025 Awurooppaa ga’uu ykn ga’uuf yaaluu dhaabbati baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jimaata kaleessaa gargaarsi naannichaa hir’achuun wal qabatee abdii kutannaa guddachaa dhufe kaasuun ibseera.
Waldhabdee waggoota lamaaf waraana Sudaan fi humnoota deeggarsa ariifataa gidduutti uumameen namoonni gara miliyoona 12 ta’an buqqa’aniiru, kunis qondaaltonni UN rakkoo gargaarsaa addunyaa irratti baay’ee hamaa ta’e jedhanii waamu.
Gariin isaanii dhiheenya kana gara biyya Kartumitti kan deebi’an yoo ta’u, biyyoota ollaa kanneen akka Masrii fi Chaad keessatti namoonni miliyoonaan lakkaa’aman baqattootaaf tajaajilli waan muramaa jiruuf haalli cimaan isaan mudachuu dhaabbanni UN kun ibsa.
Dubbi himtuun Ejensii Baqattootaa UN Olgaa Saraadoo, ibsa gaazexeessitootaa Jenevaatti kennaniin akka jedhanitti, lammiileen Sudaan gara 484 ta’an baatii Amajjii fi Guraandhalaa keessa Awurooppaa kan gahan yoo ta’u, bara darbe yeroo walfakkaatu irraa dhibbeentaa 38n dabaleera.
Namootni gara 937 kanneen biroo galaana irratti baraaramanii ykn addaan citanii gara Liibiyaatti deebi’aniiru.
Akke Ejensiin Godaansa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jedhutti duuti godaantotaa bara darbe galmee olaanaa ta’uu isaa ibsuun baay’een isaanii qaxxaamura Meditiraaniyaanii kan balaa guddaa qabu keessaa tokko ta’e irratti badan jechuun Rooyiters gabaaseera.

