ONM-ABO Ebla 18, 2025
Miidiyaaleen Huutii Iraaniin deggaraman akka jedhanitti, lakkoofsi namoota haleellaa US Ameerikaan buufata doonii Yaman irratti raawwatteen du’anii 38tti ol ka’eera jedhe.
Haleellaan buufata boba’aa Raas Isaa irratti raawwatame madda dhiyeessii fi maallaqaa Huutii irraa kutuuf kan kaayyeffate ta’uu waraanni Ameerikaa himaniiru.
Waashingitan erga Bitootessa 15 as haleellaa qilleensaa doonii siiviilii fi doonii waraanaa Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Adeen irratti raawwatamu dhaabuuf jecha haleellaa qilleensaa guyyaa guyyaan jechuun danda’amuun Huutii irratti raawwachaa jirti.
Huutiin dhuma bara 2023tti haleellaa isaanii kan jalqaban yoo ta’u, Gaazaa keessatti Falasxiinota waliin gamtaa qabaachuu isaanii agarsiisuuf akka ta’e himuu isaanii AFP’n gabaaseera.

