Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Bahaa Aanaa Waadaraatti waraanni goolessaan PP maanguddoo tokko ajjeesuun dhaga’ame

ONM-ABO Caamsaa 23, 2025 

Shiftoonni dhiiga uummata nagaa xiqqaa hanga guddaatti dhangalaasaa oolan jaleewwan murna PP Caamsaa 21, 2025 aanaa Waadaraa ganda Heebbaa Hiddaatti maanguddoo maqaan isaa Obbo Shoraa Bariisoo Galchuu jedhamu gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu maddeen ONM’f eeran.

Hammeenyaa fi gidiraa malee gaarummaa saba irraa dhalataniif kan hin yaadne ergamtoonni PP bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf guyyuu gochoota saamichaa, hidhaa fi ajjeechaa aanaa Waadaraatti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonni bahaa fi galatti yaaddoo guddaa keessa akka jiranis itti dabaluun himaniiru.

Murni cunqursaan uummataaf aangoo impaayerattii maqaa Oromootiin qabatee duguuggaa ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffatee jiru PP’n guutuu Oromiyaa keessatti maqaa garaa garaa uummanni irraa walaba ta’e itti maxxansuun hidhuu, saamuu fi ajjeesuu dabalatee manaaf qabeenya gubee barbadeessuun jiruu godaansaaf saba saaxilaa jiraachuun kan beekamuudha.

Exit mobile version