Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaatti Waraanni faashistii PP irra deddeebiin uummata nagaa ajjeesuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Caamsaa 23, 2025 

Impaayerri Itiyoophiyaa seenaa ishee keessatti gootowwanii fi sabboontota ilmaan Oromoo ajjeesuun gatii fi kabaja sabni Oromoo lafa isaa irratti qabu beenyaa lubbuu itti kaffalu taasisuun bara dhufaa darbaan ajjeechaan. Kan hin dhaabbanne yoo ta’u, bara bulchiinsa Koloneel Abiy Ahimed waggoottan torba keessatti namoota qaqqaalii artistii kabajamaa fi jaallatamaa qaroo Oromoo Haacaaluu Hundeessaa, Daadhii Galaan, nama siyaasaa Battee Urgeessaa fi kanneen biroo hedduu ajjeesuun nu ga’e osoo hin jenne har’as daa’imman kichuu soora rasaasaa taasisaa jira.

Bifuma kanaanis Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Guumaa Gaara Arbaa bakka addaa Shaash jedhamutti Caamsaa 20, 2025 dargaggoo maqaan isaa Bashiir Tasfaa jedhamu ukkaamsuun fudhanii deemanii bakka addaa Dafinee jedhamutti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattotni himan.

Bara bulchiinsa Bilxiginnaa keessa uummanni Oromoo maqaa deggertoota WBO’ti jedhuun hidhamee, jiruu fi jireenyi isaa burjaaja’uu, qaamni miidhame  qorqalbii cabuu fi fedhii isaanii malee haawwan gudeedamuun miidhaa fi dhukkuboota adda addaaf saaxilamuu, manni irratti gubachuun jireenya dirree onaa dhandhamuu fi bakka quubsumaa dhabanii hiraarfamuu ta’ee jira.

Exit mobile version