Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuu fi Gunaa keessatti Bilxiginnaan dargaggoota qarshiin bituun gara leenjii waraanaatti geessaa jiraachuun himame

ONM-ABO Caamsaa 30, 2025 

Bilxiginnaan bututtuu impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafama hamaa keessa jirtu deebisee suphuuf jecha ilmaan hiyyeessaa faayidaa dhuunfaa maallaquma xiqqoo dura qabee goyyomsuun leenjii gahaa tokko malee adda waraanaatti bobbaasee irbaata rasaasaa taasisaa jira.

Bifuma kanaanis, yeroo ammaa kana Arsii Bahaa aanaa Jajuu fi Gunaa guutummaa keessatti ergamtoonni abbaa irree Bilxiginnaa nama fedhii isaatiin impaayerattiif lolu oggaa dhaban dargaggeessa kan ta’e, nama tokkoof hanga qarshii 40,000’tti isiniif kenninaa fi carraa biyya alaa ba’antu isiniif mijata jechuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu jiraattonni aanota kanneenii dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, aanota kanneen keessatti saamicha qabeenyaa dabalatee sarbamiinsi mirgoota namoomaa garaa garaa ergamtoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jiraachuunis dabalataan ibsameera.

Exit mobile version