Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa Aanaa Yamaaloogii Walalitti ergamtootni Abiy Ahimed saamichaa fi gudeeddii haawwanii fi shamarran irratti geggeessaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Caamsaa 31, 2025 

Aanaa Yamaaloogii Walal ganda Akuukkuu bakka addaa Boonayyaa jedhamutti Caamsaa 29, 2025 hidhattootni farra riphee lolaa jechuun of waaman dargaggoo maqaan isaa Gochobaa Dagguu jedhamu osoo inni xaawoo fudhachuu deemuu qabanii reebicha qaama laalessu irratti raawwachuun qarshii inni xaawoo ittiin fudhachuu deemus harkaa saamanii jiraachuu maddeen ONM’f eeran.

Gandicha keessatti gochoonni safuu uummataa cabsan jabaachuun goolessitoota murnichaan haawwanii fi shamarran irratti gudeeddii hammeessaniin hawaasni akka itti nagaan ba’ee galu danqamuun hiraarfama jabaa keessa galee jiraachuu kan himan jiraattonni, torbanuma darbe keessa onichuma ganda Loomica Cabal keessatti kan maqaan ishee nu hin ga’in daa’ima ganna 12 qabanii humnaan yaalii gudeeddii irratti raawwannaan maatii fi hawaasni ollaa itti birmachuun akka baraaran maddeen dabaluun gabaasaniiru.

Murni Bilxiginnaa itti yaadee namoota nagaa ajjeesuu, dubartootaa fi shamarran gudeeduu fi miidhaa saalaa raawwachuu, akkasumas dukkaana, manneen barnootaa fi kilinika yaalaa saamuun yakka gurguddaa raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version