ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025
Aanaa Horroo Bulluq ganda Haroo Aagaa bakka addaa Haroo Bayeessoo jedhamutti lukkeeleen PP gaafa Caamsaa 24, 2025 dubartii maqaan ishee Aadde Hawwinee Ulfaataa jedhamtu osoo isheen gabaadhaa galtuu garmalee reebuun mataashee iddoo buruqsanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aadde Hawwineen haadha ijoollee 3 yoo taatu, sababa Oromummaa ishee qofaaf loltoota sirnichaan reebamtee miidhaan qaamaa ulfaataan kan irra ga’e ta’uun ibsameera.
Haaluma walfakkaatuun, ganduma kana keessatti Caamsaa 24, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Dalasaa Mootii fi
- Eebbisaa Taarikuu
jedhaman gara jabeeyyiin loltoota faashistii PP yakka tokko malee reebicha ulfaataa irratti geggeessuun ibsameera.
Jaleewwan Bilxiginnaa yeroo adda addaatti gubbaa hanga gadiitti wal ijaaruun qarshii xiqqoo waliif kennanii, uummata yaadaaf qalbiin irratti dammaqee ka’ee gama danda’uun fincilaa jiru, yaada isaanii ukkaamsuun garboomfatanii bulchuuf dhiibbaa raawwatan cimsanii itti fufaniiru.

