• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni goolessituun PP hawaasa irratti reebicha raawwatan

Jun 4, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025 

Aanaa Horroo Bulluq ganda Haroo Aagaa bakka addaa Haroo Bayeessoo jedhamutti lukkeeleen PP gaafa Caamsaa 24, 2025 dubartii maqaan ishee Aadde Hawwinee Ulfaataa jedhamtu osoo isheen gabaadhaa galtuu garmalee reebuun mataashee iddoo buruqsanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aadde Hawwineen haadha ijoollee 3 yoo taatu, sababa Oromummaa ishee qofaaf loltoota sirnichaan reebamtee miidhaan qaamaa ulfaataan kan irra ga’e ta’uun ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun, ganduma kana keessatti Caamsaa 24, 2025 namoota maqaan isaanii: 

  1. Obbo Dalasaa Mootii fi 
  2. Eebbisaa Taarikuu 

jedhaman gara jabeeyyiin loltoota faashistii PP yakka tokko malee reebicha ulfaataa irratti geggeessuun ibsameera.

Jaleewwan Bilxiginnaa yeroo adda addaatti gubbaa hanga gadiitti wal ijaaruun qarshii xiqqoo waliif kennanii, uummata yaadaaf qalbiin irratti dammaqee ka’ee gama danda’uun fincilaa jiru, yaada isaanii ukkaamsuun garboomfatanii bulchuuf dhiibbaa raawwatan cimsanii itti fufaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading