ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025
Dhalataa godina jimmaa aanaa Gommaa ganda Kiilolee kan ta’e dargaggoon maqaan isaa Munawwar Nabsoo Abbaa Milkii jedhamu Caamsaa 31, 2025 waaree booda sa’a 9:00 keessa magaalaa Aggaaroo keessaa poolisoota 2 fi milishootaan qabamee hanga gabaasni kun qindaa’etti achi buuteen isaa hin beekamin jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Maddeen naannichaa dargaggoon kun siyaasa kam irraayyuu walaba ta’uu himaniiru. Dargaggeessi kun haadha malee abbaa kan hin qabnee fi haadha isaa harka qalleettii taate kana hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’ee hojjechuun jiraachisuu malee tuttuqaa dhaaba siyaasaa kam irraayyuu walaba ta’us, ergamtoonni maqaa olaantummaa seeraa eegna jedhuun dantaa dhuunfaa isaanii adeemsifatan ammoo maqaa hidhata WBO qabda shakkii jedhuun gara siyaasaatti oofanii dhabamsiisuun dabalataan ibsameera.
Aarsaa dhiigaa fi lafee uummatni Oromoo kaffale bu’aa isaa butuun gara aangoo siyaasaatti kan dhufe koloneel Abiy Ahimed, “hidhuu fi ajjeesuun mo’amuudha” jechuun afaan damma dibatee miidiyaa harka isaatti argamuun kan of dhaadhessaa ture, amma ammoo uummata nagaa irratti yakkoota hidhaa jumlaa fi ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuun dhiiga hawaasa qulqulluu dhangalaasaa jira.
Gocha badii isaa kanas haaluun “nuti biyya ijaarree misoomsuun ashaaraa magariisa gonfachiisaa jirra” yoo jedhu dhugaan jiru garuu uummatni Oromoo dararaa ergamtoota sirnichaaf jecha ba’aa fi gala danqamee lubbuunuu jiraachuu dadhabuun ni beekama.

