Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo magaalaa Kombolchaatti barsiisaan tokko waggaa 3 oliif hidhamee hiraarfamaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajji 11, 2025 

Burqaa madda beekumsaa fi qaraa dhalootaa kan ta’e barsiisaan miindaa xiqqoo kan jireenya isaaf hin madaalle argatuun magaalaa fi baadiyyaa keessa jooree dhaloota kan barsiisu ta’us, lukkeeleen Bilxiginnaa adeemsa baruu fi barsiisuu ilmaan Oromoo danquu aadeffatan barsiisota silaa kunuunsa, kabajaa fi galatni maluuf badii tokko malee sobaan yakkanii hidhaatti darbatanii waggoottaa  hiraarsuu, guyya guyyaan dararuu, ajjeesuu fi qe’ee irraa baqachiisaa jiru.

Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Issooyyee irraa hidhattootni murna Bilxiginnaa bara 2022 Barsiisaa maqaan isaa Sayid Mahammad Muftii jedhamu obboleessa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti ittiin jechuun garmalee reebanii isa ammoo hidhaatti kan darbatan yoo ta’u, hanga bara 2025 kanaa fi guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti murtii seeraa tokko malee magaalaa Kombolchaatti hidhanii dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu odeessi magaalichaa ONM dhaqqabe ni ifoomsa.

Akka namoonni barsiisaa kana beekan jedhanitti, barsiisaa Sayid nama gaarii hawaasaa fi barattoota isaa biratti jaallatamaa ta’uu fi akkasumas nama deggaraa paartii dhaaba kamiiyyuu hin taane ta’uu kan dubbatan, sababni isaan yeroo sanatti hidhaniif ammoo obbolaa keetu miseensa WBOti kan jedhuun ta’uu fi barsiisaan qaroo dhalootaa kunis akka nama badii dalageetti ergamtoota maafiyaa PP biratti ilaalamuun magaalaa Kamiseetii baasanii magaalaa Konbolchaa iddoo maatiin dhaquu fi arguu hin dandeenyetti hidhuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version