1ONM-ABO Waxabajji 14, 2025
Murni Bilxiginnaa Waxabajjii 12, 2025 aanaa Heeban Arsii ganda Ambaa Goda-Sadeetti maqaa waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhuun manneen qotee bultootaa qabeenya guutuu wajjin jumlaan gubanii barbadeessuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota manaa fi qabeenyaan isaanii jalaa gubachuun barbadaa’e keessaa muraasni:
- Obbo Sirbaa Ushaa,
- Burqaa Kormee,
- Quufaa Anaanaa,
- Buushii Baalee,
- Usii Caaccoo fi namoota maqaan hin eeramin danuu akka ta’an beekameera.
Oduu saamichaatiin ammoo aanaa Gadab – Hasaasaa ganda Qaaqawaa-Wal-Qixxeetti Waxabajjii 12, 2025 sirni abbaa irrummaa isaa jabeessee uummatatti mul’isuuf dhama’aa jiru Abiy Ahimed qonnaan bultoota humna isaaniitiin hojjetatanii jiraatan walitti qabuun sababa tokko malee qarshii 5000 gaafachuun kanneen kaffalan hidhaa irraa hiikaa kan jiru oggaa ta’u, kanneen hin qabne ammoo hidhaa fi reebicha qaama laalessuun miidhuun cinatti qarshii namoota irraa liqeeffattanii kaffaluu qabduun dararaa jiraachuun dhaga’ameera.
Akka jiraattonni jedhanitti namoonni maallaqa 5000 gaafataman kunneen irra hedduun isaanii harka qalleeyyii kanneen hojii guyyaa hojjechuun jireenya harkaa gara afaanii jiraatan yommuu ta’an, yeroo ammaa kana akkuma walii galaatti sabaa fi sab-lammoonni impaayerattii keessatti argaman jireenya ofiyyuu jiraachuuf qaala’iinsa jireenyaa wajjin wal’aansoo jajjaboo keessa kan jiran ta’uus dubbatu.

